Header image  
 Sagalicha-Dhiigicha-Hafuuricha  
                    mana          Mana SDH

 
 
Sagalee Waaqayyootti Guddachuu

Mi'aan jireenya Kiristaanummaa jireenyaa ofii keessatti kan shaakalamuu fi Waaqayyoon beekaa deemuudhaa yeroo Dubbiin Waaqayyoo keessa namaa jiraatuu fi keessa namaatti iddoo qabatu dha. Kiristaanummaan dhugumatti yeroo hordofamu sirna amantaa hordofuu bira darbee sirna jireenya hafuuraa isa Waaqayyo isa qofaa Isaa Waaqayyo dhugaa fi jiraataa ta'een walii galanii jiraachuudha.

 

Kiristaana ta'uun Yasuus Kiristoosiin amanuukeenyaan jireenya waaqolii tolfamoo baay'ee irraa fuula keenya deebifnee, Waaqaayyoon isa dhugaa fi jiraataa ta'eef hojjechuu ti. Waaqolii tolfamoo yeroo jennu, dhagaa fi muka irraa waaqolii bocamanii hojjetaman jechuu qofa otuu hin taane, wanta/uumama waaqummaa of keessaa hin qabne, akka waan isaan dhugummaa of keessaa qabaniitti hordofuudha.

 

Haa ta'u iyyuu malee, namni tokko yeroo barsiisa Kiristaanummaa hubatee gara Waaqayyootti deebi'u, jireenya isaa keessatti jijjiirama guddaatu ta'a.

 

Fuulota kanaan wal qabatanii jiran irratti barumsa hundee Kiristaanummaa ta'an barachuu ni dandeessu. Kana jechuun waan jireenya Kiristaanummaa hubachuu fi jiraachuuf isin gargaaru ni argattu jechuudha.

 

Nu daawwachuu keessanniif Waaqayyo isin haa eebbisu.

 

 


 
 
 
 

Jesus Christ is LORD!

 

SDH Bible Search

Here is where you can search bible verses by inputing book name, chapter and verse. You can also study the bible in various version and languages in parallel. You can search for words, phrases, or expressions in the Bible.