Sagalicha Dhiigicha Hafuuricha

Header Image  

The Word the Blood the Spirit

    

 
 
 

 
 

Abdii nama hin leeyyasifne

Namni yeroo baay'ee wantoota adda addaa irra abdii isaa ka'atee jireenya isaa jajjabinaa fi hamileedhaan guutuu ni fedha. Haa ta'u iyyuu malee muuxannonis ta'e jijjiiramni haalotaa, akka namoonni wantoota abdii irra kaa'atan baay'ee irratti hin jabaanne isaan godha. Yaaddoon guddaan haalota akkasiin walqabatee dhufus, "Inni ani abdii godhe kun yoo akkan abdadhe ta'uu baate hoo?" kan jedhu dha.

 

Fuulli kun dhugaa jabaa tokko isinitti mul'ifti. Abdiin nama hin leeyyaasifne jira! Abdii nama hin leeyyasine kana qabaachuuf namni  hunduu fedhii ofii isaatiin itti michoomuuf karaan hundumaafuu banaa dha. Waaqayyo dhala namaa hundumaa gara ofii isaatiitti waama. Inni, akka Kitaabni Qulqullun jedhutti, nama hin leeyyasisu, nama hin gatu, namas hin irraanfatu. Waaqayyo yeroo hundumaa amanamaa dha. Haalunnii fi wantoonni isa hin jijjiiran. Inni utuma nuti dadhaboota, namoota kallattiilee adda addaan dogongoruu, dhadhabuu fi kufuu danda'an ta'uu keenya waan beekuuf, utuma beekuus waamicha guddaa gara Isaa akka dhaqnuuf godheera.

 

Ilmi Waaqayyoo Gooftaan Yasuusis akaks jedhee dubbate, "Isin dadhaboonni, ba'aan keessan kan isinitti ulfaate hundinuu gara koo kottaa!" (Mat. 11:28)

 

Atis egaa waamicha guddaa kanatti waamamtee jirta. Wantoota abdii dhugaa siif ta'uu hin dandeenye, wantoota yeroo haallin kee fi haalonni naannoo keetii jijjiiraman si dhiisanii sokkan qofa hin hordofin. Yoo ammuma iyyuu si duraa sokkanii jirtu ta'es, of hin jibbin, abdiis kutattee ofitti hin murteessin. Waaqayyo ammuma iyyuu sitti michoomuu fi abdii bara baraa siif ta'uu barbaada waan ta'eef.

 

Yeroodhaaf, gowwummaa kan sitti fakkaatu yoo ta'e illee, barsiisa Macaafa Qulqulluu jireenya keetiif jedhii dhaggeeffadhu, dubbifadhu, irrattis yaadi, isaan kadhadhu, isaanis jireenya kee qajeelfachuuf yaali. Waaqayyo jireenya kee keessatti karaa dubbii Isaatii waan inni hojjetu atuu argitee dinqifachuuf jirtaa!

 

Gaaffii yookiinis yaada yoo qabaattee, email kanatti aanee jirtuun nuuf barreessuu ni dandeessa.

 

Waaqayyo si haa eebbisu.

 

 

Takiluu T.

 

E-mail: [email protected]

 

 

 
 

Waaqayyo si jaallata
Waaqayyo si jaallata

Ati Eessa?
Ati Eessa?